Biyya daa’imman dhalatanirraa ulfa baasuun itti baay’atu- Giriinlaandi

Dubartoota ulfaa'an keessaa walakkaan isaanii ni baasu. Kana jechuun dubartoota 1000 keessaa 30 ulfa baasu jechuu dha.

OBN Caamsaa 13, 2011- ”Irra deebi’eeyyuu hin yaadu. Waa’ee ulfa baasuu ifattii haasofna, yeroo darbe maatii koofi hiriyyoota kootti himeera,” jetti Pii’aa shamarreen ganna 19 Giriinlaandirraa BBCtti himteetti.

 Waggaa lama keessatti al shan ulfa baasteetti

”Yeroo baayyee qoricha ulfa ittisu nan fudhadha takka takka garuu ni irraanfatta. Amma mucaa godhachuu hin danda’u; barnoota waggaa dhumaarran jira” jetti shamarreen magaalaa guddoo Giriinlaand Nuuk.

Ishee qofa miti.

Bara 2013, irraa jalqabee waggaatti daa’imni dhalatan 700 yoo tahan ulfi bahu 800 tahuu ragaan istaatistiiksii mootummaa ni agarsiisa. Giriin laand lakkoofasa ulfa ba’uu guddaa maaliif qabaatte?

Giriinlaand odola guddoo addunyaa kanaati garuu uummata xiqqoo qabdi. Namoota 55,992 qofa. Lakkoofsa uummataa biyyattii Amajjii 1 bahetu kana agarsiisa.

Dubartoota ulfaa’an keessaa walakkaan isaanii ni baasu. Kana jechuun dubartoota 1000 keessaa 30 ulfa baasu jechuu dha.

Deenmaarkitti immoo dubartoota 1000 keessaa 12tu ulfa baasu.

Giriinlaand biyya ofiin of bulchitu haa taatuyyuu malee daangaa Deenmaark keessa jirti.

Rakkoo diinagdee, mana jireenyaafi hanqinni barnootaa dhimma kanarratti shoora haa qabaataniyyuu malee, biyya qorichi ulfa ittiin ittisan bilisa tahetti rakkooleen kuni ulfa baasuuf sababii gahaa hin tahan.

Biyya ulfa baasuun seera qabeessa tahettillee, namoota ulfa baasanirratti loogiin ni qaqqaba.

Giriinlaanditti dubartoonni yaaddoo hin qabani. Ulfa hin barbaachifne baasuun akka qaaniittii hin ilaalamu.

 

Guyyaa ulfa baasuu

Maaliif ulfi hin barbaachifne baay’ate?

”Hiriyyooti koo ulfa baasanii beeku. Haati koo anaafi obboleessa koo otoo hin dahiin dura al sadii baasteetti,” Piiyaan. ”Dhimma kana haasa’uu hin feetu.”

”Barattoonni magaalaa Nuuk Rooobii yeroo hunda gara kiliiniika wal-hormaataa deemu, ‘guyyaa ulfa baasuu’ jechuun waamu jedhu Deenmaark Yunivarsiitii Rooskilaayiditti qorataa dhimma kanaa kan tahan Doktar Tuurii Hermaanis.

”Giriinlaanditti, dubbiin ulfa baasuu haasaa dubbachuuf qaaneessuufi balaalefatamu miti- wal-quunnamtii saalaafi ulfi karoora malees akkasuma.”

Qoricha ittis ulfaa bilisaa

”Qorichi ulfa ittisu bilisaafi haala argachuuf salphaa haa tahuyyuu malee hiriyyooti koo baayyeen itti hin fayyadaman,” jetti Piiyaan.

Istaayin Ririinooy narsii fayyaa gadameessaa yoo taatu dhimma ulfa baasuu kana yeroo dheeraaf qo’atteetti.

”Dubartoonni harka 50 tahan waa’ee qoricha ittisa ulfaa ni beeku, garuu harki 85 ol sirnaan itti hin fayyadamne,” jechuun BBCtti himteetti.

Ulfi hin barbaachifne dhugaatiin dhufa:” Dhiirris dubartiinis dhiibbaa dhugaatii jala buunaan qoricha fayyadamuu ni irraanfatu.

Sabbiiwwan sadii dubartoonnii qoricha hin fayyadamneef ibsu Doktar Tuurii Hermaanis

”Inni duraa, dubartoota daa’ima barbaaadan, lammata immoo, dubartooti kana dura miidhaan irra gahe alkoolii gaafa fudhatan qoricha fayyadamuu ni irraanfatu, inni dhumaa dhiiroti kondomii keewwachuu yoo didanii dha.”

Miidhaafi haleellaa saalaa

Dubartiin tokko yoo dirqiidhaan gudeedamte fi mucaa gara rakkootti fiduu dhiisuuf ulfa baasuuu dandeessi.

”Ulfa baasuun daa’ima dagatamuufi hin barbaadamnerraa wayya,” jedha kibba Giriinlaanditti hakiima kan tahan Laars Mosgaard

Miidhaan saalaa dhimma fayyaa irra deddebi’ee ka’u dha- barattoota dargaggoota keessaa 10 haati isaanii yeroo miidhaan irra gahu arganiiru, akka qorannoo Nordic Centre for Welfare and Social Issues.

Miidhaa saalaa argauu irrayyuu ijoolleen ofii saaxilamtoota dha.

Qorichi akka garaa yoo jiraateyyuu faayidaarra oola jechuu miti.

”Waa’ee qoricha ulfa booda fudhatamu baatii tokko duran bare, waa’ee filannoo kanaa namni baayyee kan beeku natti hin fakkaatu” jechuun BBC tti himti Piiyaan

”Haati koo waa’ee fayyummaa wal-quunnamtii saalaan dhufuu natti haasoftee hin beektu, waan baayyee kanin bare mana barumsaafi hiriyyoota koorraan bare,” jetti.

Qorannoon Journal of Circumpolar healthn bahe maatiin Giriinlaand keessa jiran ijoollee isaaniitti dhiimaa kana haasa’uu itti ulfaata jedha.

Ulfa baasuun kaffalchiisuu qaba

Lakkoofsa ulfa baasuu kana hir’isuuf biyyattiin ulfa baasuu kaffalchiisuu qabdi jedhu gariin namootaa. Kaan immoo namooti ulfa baasuun kaffalchiisuufi dhiisuu bilisa tahuusaa wajjiin wal hin qabatu jedhu.

Deenmaarkitti- iddoo qorichicha salphaan argamutti lakkofsi kuni kana Giriinlaandirraa baayyee xiqqoo dha.

Giriinlaanditti dargaggoonni waggaa 14-15tti wal quunnamtii saalaa raawwachuu jalqabu. Harki 63 immoo wal-quunnamtii saalaa dhaabbataan raawwatu.

Mootummaan biyyattii manneetii barnootaa waliin tahuun jaatanii dargaggootaaf miidhaa umrii ijoollummaatti daa’imaa godhachuu hubannoo kennuu jalqabeera.

Ashaanguliitii akka daa’ima dhugaa taatu itti kennuun itti gaafatamumaa daa’ima godhachuun qabu barsiisuuf yaala jaataniin kuni.

”Waa’ee aadaa”

Stine Broene isa Giriinlaanditti ulfa baasuun akka salphaatti ilaalamuutti waliin galu jetti.

”Dubartoonni baayyeen ulfa baasuun murtoo cimaa akka tahe yaadu, ” jetti

Dubartii ulfa basuun ishee hin yaaddessine arge hin beeku; garuu of eeguuf jecha hin dubbatani, kanammoo ogeessoti fayyaa tokko tokko akka garaagarummaatti ilaalu jedhan. Maddi:-BBC

Facebook Comments