Kolombiyaan Itiyoophiyaatti imbaasii banuufi

Itiyoophiyaan hariiroo Kolombiyaa waliin qabdu kan raawwachiistu karaa Imbaasii Braaziilini.

OBN Wax. 12, 2011 -.Imbaasiin biyyattiin Itiyoophiyaatti bantu, Afrikaatti Imbaasii qabdu gara 7ti ol guddisa.

Image may contain: 4 people, people sitting, table, suit and indoor

Ministeera Dhimma Alaa FDRItti Ambaasaaddarri dhaabbii dhimmoota Awurooppaa, Ameerikaa fi Eezhiyaa Maahileet Hayiluun, Ministeera Dhimma Alaa Kolombiyaatti daayireektara Afrikaa, Eezhiyaa fi Ooshiiniyaa Alfeerdoo Raamoos Goonzaaleez waliin mari’ataniiru.

Mari isaaniin hariiroo biyyoota isaanii cimsuu fi Imbaasii banuurratti haasa’aniiru.

Yeroo itti aanutti ministirri Ministeera Dhimma Alaa Kolombiyaa Itiyoophiyaa daawwachuudhan hariiroo biyyoota lamaanii cimsuurratti mari’achuu akka barbaadan ibsameera.

Itiyoophiyaan hariiroo Kolombiyaa waliin qabdu kan raawwachiistu karaa Imbaasii Braaziilini akka ta’e tajaajila oduu Itiyoophiyaatu gabaase.

Facebook Comments