Sanyiin biqiltootaa lafarraa badaa jiran kam fa’i?

Ogeeyyiin saayinsii akka jedhanitti badiinsi qaccee sanyii biqilootaa kan uumamaan ni dhabamu jedhamee eegamu dachaa 500n caalee argameera.

OBN Wax. 04, 2011- Qorannoon akka mul’isutti waggoota 250 darban keessatti qacceen sanyii biqiltoota 600 ta’anii lafarraa badaniiru.

Lakkoofsi kun tilmaama osoo hin taane isa sirriidha kan jedhan qorattoonni lakkoofsi kun badiinsa sinbirroota, hoosiftootaa fi amfiibiyaanotaa dachaa lama ta’a jedhu.

Ogeeyyiin saayinsii akka jedhanitti badiinsi qaccee sanyii biqilootaa kan uumamaan ni dhabamu jedhamee eegamu dachaa 500n caalee argameera.

Gabaasi Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii kan Caamsaa darbe ba’e akka mul’isutti qacceen sanyii biqiltootaa fi bineensotaa miiliyoona tokkotti tilmaamamu lafarraa baduu ibseera.

Qorattoonni akka jedhanitti ragaawwan isaan waa’ee dhabamuu qaccee sanyii biqiltootaa irratti xiinxalanii qaaccessan sanyiin biqilootaa gara fuulduraatti daranuu akka hin dhabamneef tarkaanfii fudhatamuu qabu kan agarsiisuudha.

Namoonni hedduun sanyii simbirrootaa lafarraa dhabamanii fi dhabamaa jiran himuu danda’u, kan bqilootaa garuu kan himuu danda’u hin jiru jedhan Yunivarsitii Stockholm irraa Dr Aelys Humphreys.

”Qorannoo kanaan yeroo jalqabaaf haala walii galaa lafarraa baduu qaccee sanyii biqiltootaa adda baasneerra. Sanyiin biqiltootaa eessaa fi saffisa akkamiin akka lafarraa dhabamaa jiran adda baasneerra” jedhan.

Biqiltoonni qacceen sanyii isaanii baay’inaan lafarraa bade kanneen oomisha zayitaa fi qorichummaaf oolaniidha.Akka fakkeenyaatti gosa biqilootaa ‘Chile sandalwood fi St Helena olive’ kaasuun ni danda’ama.

Badiinsi qaccee sanyii biqiltootaa haalaan kan mul’atu naannoo oddoolaawwanii fi tirooppikiitti. Fulaa kanneen biqiltoota gosa hedduu kanneen bu’a qabeeyyii ta’antu heddummaatu.Maddi:-BBC

Facebook Comments