Waldhabdee mana hidhaa keessatti uumameen namoonni 57 du’an

OBN Ado. 23, 2011 – Waldhabdee gareen sirreeffamtoota mana hidhaa biyya Biraazil keessatti sa’aatii shaniif adeemsifameen yoo xinnaate namoonni 57 lubbu dhaban.

Walbdeen garee kunis bulchiinsa Paaraa mana hidhaa Altaamiiraa jedhamu keessatti yoo ta’u, geree tokkottu gara garee biraa seenuun lola kaasuun ture.

Kanneen ajjeefaman keessa 16 isaanii murni qalamee yoo ta’u, kanneen hafan ammoo abidda ka’een ukkaafamanii du’usaanii aanga’oonni dubbataniiru.

Tibba waldhabdeetti danqamanii kan turan qondaaltoonni mana hidhichaas gadhiisifamuusaanii dhagahameera.

Haalli mana hidhichaa ittiiin ijaarame abiddi sardamaan akka babalatu kan taasise yoo ta’u, kanaanis kan ka’e hidhamtoonni ukkaafamuun akka du’an ta’eera.

Bulchiinsi mana hidhaa kanaas garee hidhamtootaa kanneen jidduutti waldhabdeen umamu akka malu ilaalchisee wanti tilmaamu akka hinturre dubbataniiru.

Hidhamtoonnis abidda jalaa baqachuuf jecha baaxii mana hidhaarra ol bahanii mullataniiru.

Manni sirreessaa kunis hidhamtoota 200 akka qabatuuf yaadamee kan ijaarame ta’ulleen wayita ammaatti hidhamtoota 309 keessatti argamu.

garuu bulchinsi mana hidhaa, kutaaleen hidhamtootaan dhibbachuusaa haalaniiru.

Ministeerri haqaa namoonni walitti bu’insa kanaaf ka’umsa ta’an gara mana sirreessaa baayyee cimaa ta’eetti akka geeffaman dubbataniiru.

Biraazil addunyaarratti biyya hidhamtoonni hedduun keessatti argamtu yoo ta’u, kunis addunyaarratti biyya sadaffaa ishee taasiseera.

Biraazil keessatti hidhamtoonni kuma 700 kan argaman yoo ta’u, mana hidhaa keessattis irra deebiin walitti bu’insi umamuun lubbuun namootaa darbaa jira.

 

Baatii Caamsaa keessas manneen hidhaa afur keessatti guyyaa walfakkaatuutti walitti bu’insi uumamuun namoonni 40 lubbusaanii dhabaniiru. Barii saa ammoo namoonni 15 akkasuma mana hidhaa biraa keessatti ajjeefamaniiru.

Bara 2017 baatii Muddee keessattis waldhabdeedhuma mana hidhaa keessatti umameen namoonni 130 ajjeefamaniiru. Waldhabdeen sunis gutuu biyyaatti manneen hidhaa hedduu keessatti babalate akka ture maddeen ni eeru.

Pirezidaantiin Biraazil to’annoo mana hidhaa keessa jiru cimsuuf waadaa kan galan yoo ta’u, manneen hidhaa gara biraa ijaaruuf karoora qabaachu himaniiru.

Haa ta’u malee, manneen hidhaa kunneen naannooleen kan to’ataman waan ta’eef haalichi pirezidaantichaaf akka yaadanitti salphaa ta’ufii hindandeenye.

Tarkaanfiin yakkawwan jeequmsaa fi qoricha sammu addoochu to’achuuf taasifameen manneen hidhaa biyyatti dhiphiseera.

Baayyinni hidhamtootaas garee wal dhaban adda fageessuuf aanga’oota nama hidhaatti cimaa taasiseera.

Kanaan kan ka’ees, hidhamtoonni waan akka firaashaa fi nyaataa irratti waldhabaniifu wal dhabdee mana hidhaa keessatti akka ka’uuf madda ta’eera.

Miseensoota garee hattootaa jidduutti gareen wal ajjeessuun biyyattiitti baramaadha.

Namoonni amala akkasii qaban mana hidhaa dhiphaa keessatti walitti yoo qabaman ammoo caalaa akka cimu taasisa.

Hidhamtoonni Biraazil hedduun gargaarsa hinqaban.

Eegdoonni mana hidhaa haalaa gahaa ta’een hinleenji’inii fi kanfaltii gadaanaa argatan hidhamtoota lakkoofsaan isaan caalan to’achuun rakkisaa itti ta’u dubbatama jechuun BBCn gabaaseera.

Facebook Comments