Manneen hidhaa godaantotaa Liibiyaa sadi cufamuufi

Liibiyaan manneen hidhaa godaantotaa gurguddaa sadi biyyattii keessatti argamu cufuufi jedhameera.

OBN Ado. 26, 2011 – Biyyaattiin kana kan murteessite haleellaan misaayelaa irraa ga’ee kan ture mana hidhaa Taajuraatti godaantonni ergamaa jiru jechuun qeeqni adda adda erga irra ga’een booda.

Image may contain: 2 people, people sitting and outdoor

Haleellaa misaayelaa ga’ee tureen godaantonni 20 hin caalle du’uun ni yaadatama.

Cufamuun manneen hidhaa kanneenii manneen hidhaa biyyattii godaantota hanqachuun, godaantonni baayyeen dalaalota seeran alaa harkatti akka kufaniif carraa olaana bana jedhamee sodattamaa jira.

Torbee darbe qofa godaantonni 150 Liibiyaarra gara Itaali galuuf deemaa turan Garba Meeditiraaniyaanii keessatti du’uun isaani ni yaadatama.

Balaa bara kana Garba Meeditiraaniyaanii keessatti godaantotaarra ga’ee keessa inni kun isa olaanaa ta’uutu himama.

Facebook Comments