Pireezidaanti Tiraampi marii yoo barbaadan uggura nurraa kaasuu qabu – Hassan Raawhaanii.

OBN Hagayya 22, 2011  – Pireezidaanti Tiraampi marii yoo barbaadan uggura nurraa kaasuu qabu jedhan Pireezidaantiin Iraan Hassan Raawhaanii.

Pireezidaanti Hassan Raawhaanii Pireezidaanti Tiraampi yoo marii nu waliin jalqabuu barbaadan uggura Iraan irra kaa’an mara kaasuuf tarkaanfii jalqabaa fudhachuu qabu jedhan.

Raawhaaniin akka jedhanitti Iraan meeshaa niwukileeraa oomishuuf fedhii hin qabdu, kanaaf uggurri kaa’ame seeraan ala fi kan haqaa miti jedhan.

Tiraampi Wiixata ibsa kennaniin torbanneen dhufan keessa Raawhaanii waliin wal arganii sagantaa niwukileeraa Iraan ilaalchisee murtee irra gahuuf waliigaltee haaraa irratti mari’achuuf carraa gaariitu jira jedhan.

Tiraampi yaa’ii garee biyyoota dinaagdeen durooman kan G-7 Firaansi keessatti geggeessame irratti ibsa kennaniin Iraan marii jalqabuu barbaaddi jedhan.

Hoogganaan USA kun akka jedhanitti uggurri isaan irra deebi’uun waggaa darbe Iraan irra kaa’an dhugumatti isaan miidhee jira jedhan. VOAtu gabaase.

 

Facebook Comments