Badhaasa Heesan Ministira Muummee Dr Abiyyif gumaachamee ture aadde Mufariyaat Kaamiili fuudhaniif

Badhaasichas Ministira Nageenyaa aadde Mufariyaat Kaamiil fuudhaniiru.

OBN Ful. 12,2012- Sirni kenniinsaa badhaasa Heesan  Dr. Abiyyi Ahmadiif gumaachamee ture gaggeeffame.

Dhaabbanni Jarman; Albart Oosvaald badhaasa nageenyaa Heesan Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahmadf gumaachera.

Sirni kenniinsa badhaasichaas har’a ganama Mana Maree Bulchiinsa Federaalaa Heesan Magaalaa Viisbaadanitti raawwateera.

Badhaasichas Ministira Nageenyaa aadde Mufariyaat Kaamiil fuudhaniiru.

Sirnicharrattis Ministirri Muummee bulchiinsa federaalittii, miseensonni manneen maree fi diippiloomaatonni argamaniiru.

Dr. Abiyyi Ahmad Eertiraa fi Itoophiyaa gidduutti nageenya waan buusaniifi badhaasicha kan argatan.

Hoggansi boordii badhaasa nageenyaa fi pireezdaantiin mana maree Heesan Booriis Raayan, Dr. Abiyyi biyyoota lamaan araarsuun ala gaanfi Afrikaa nagaa akka qabaatuu fi hariiroo diinagdeetin akka walitti hidhamu carraaqaniiru jedhaniru.

Hoggansa Cimaa Afrikaan qabduu keessa isaan tokko tahuusaanis kaasaniru.

Facebook Comments