Biyyoonni alaa Galoo Galaanaa (Gulf) keessaa akka bahan Iraan akeekkachiiste

OBN Ful. 12,2012- Pireezidaantiin Iraan Hasan Rohaanii humnoonni nageenyaa biyyoota alaa gara biyyoota Galoo Galaanaa (Gulf) seenan yaaddoo nageenyaa uumaa jiru jedhan.

Erga Ameerikaan loltootashee gara Sa’uudii Arabiyaatti bobbaasaa jiraachuu dhagahanii as kan itti hin gammanne pirezidaantichi biyyoonni alaa dhimma biyyoota galoo galaanaa keessaa ba’uu qabu jechuun akeekkachiisan.

Pirezidaanti Hasan Rohaaniin akka jedhanitti biyyoonni alaa ”dhukkubbii fi gadadoo” malee homaa furmaata fidanii hin beekan, bakka isaan jiran meeshaa waraanaa malee nageenyi hin jiru, kanaafuu nu keessaa ba’uu qabu jedhan.

Pirezidaanti Hasan Rohaanii kana kan dubbatan yaadannoo lola Iraan fi Iraaq kan bara 1980-88 ture magaalaa Tahraan keessatti wayita qopheessan ture.

Haleellaa buufataalee boba’aa Sa’uudii Arabiyaa irra ga’een booda dhibdee guddaan Iraan fi Ameerikaa gidduutti dhalateera.

Ameerikaan Iraan haleellaa sana duuba akka jirtu himaa turte, Iraan ammoo kun ta’e jedhanii dubbii nu barbaaduudha jetti.

Haleellaa raawwate boodas Ameerikaa akka tumsaatti loltootashee heddumminaan gara Sa’uudii Arabiyaatti bobbaasaa jirti.

Obbo Rohaaniin guyyoota dhufan keessatti dhimma nageenya galoo galaanaarratti wiixinee araaraa fi tasgabbii qophheessuun Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniif akka dhiyeessuuf jedhan dubbatan.

Bara kana wal gaarreffannaan Iraan fi Ameerikaa gidduu ture daranuu hammaateera.

Iraan gabbisa niwukilaraa hir’istee qoqqobbiin akka irraa salphatuuf gaafatamtus diddeetti.

Wayita kana Ameerikaan qoqqobbii haarawa raan irra keesse.

Kun kanaan otoo jiruu wayita boba’aan Sa’uudi haleelamu Iraan Ameerikaadhaan komatamuun ammoo waldhibdee isaan gidduu ture daranuu hammeesseera.Maddi:-BBC

 

Facebook Comments