Itiyoophiyaan yaa’ii idil addunyaa qubsuma ummataarratti xiyyeeffatu keessummeessufi

OBN Hagayya 28, 2011 – Itiyoophiyaan yaa’ii idil addunyaa qubsuma ummataarratti xiyyeeffatu keessummeessufi.

Yaa’iin idil addunyaa 14ffaa qubsuma ummataarratti xiyyeeffatu kunis Kamisaa fi Jimaata dhuftu magaalaa Finfinneetti gaggeeffama.

Yaa’iin akkanaa Afrikaatti yoo qophaa’u kan jalqabaati.

Yaa’ichi mata duree “Jaarraa diijjiitaalaa keessa guddina waaraa magaalotaa fi qubsuma namaa ” jedhuun gaggeeffama.

Waltajjichi galma walga’ii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti kan gaggeeffamu yammuu ta’u, hirmaattonni 400 ni argamuun eegama.

Dhuma yaa’ichaarratti ejjennoon waloo magaalaa Finfinnee ba’u, hojiilee magaalotaa fi yaa’ii magaalota addunyaa 2020 Emmireetota Arabaa Gamtooman, Abu Daabiitti gaggeeffamuuf galtee ta’a.

Yaa’ii Kamisaa fi Jimaata Finfinneetti gaggeeffamu kanarrattis badhaasni guddina waaraa magaalotaa fi qubsuma ummataa ni kennama. FBCtu gabaase.

Facebook Comments