Hidhattoonni Al-Shabaab buufata poolisii Keeniyaa haleeluun gabaafame

Gareen shoroorkeessaa  Al-Shabaab jedhamu kun buufata poolisii naannoo Kaaba Bahaa Keeniyaa keessatti naannoo Waajjiir jedhamtutti haleellaa raawwateera.
 
Haleellaan  buufata poolisii Dajabulaa irratti raawwatame kunis kan raawwatame kaleessa ganama ture.
Hidhattoonni kunneen haleellaa kana yeroo qaqqabsiisanitti meeshaalee waraanaa gurguddoo fayyadamuun isaaniis himameera.
 
Garichi buufata poolisii kana irratti kan xiyyeeffateef, miseensonni isa lama to’ataamanii buufata sana keessatti waan argamaniitiif jedhameera.
 
Haleellaa sanaa booda dhukaasa gamaafi gamasiin tureen miseensonni al-Shabaab lama buufata poolisii sanatti hidhaarra turan kan ajjeefaman yoo ta’u, miseensonni poolisii lamaafi hidhataa naannoo sanaa nama ta’e tokko ammoo madaa’aniiru.BBCtu gabaase
Facebook Comments