Badhaasa Atileetotaa

Atileetonni Badhaasaaf kadhimaman ifa ta'an.

Atileetonni Badhaasaaf kadhimaman ifa ta’an.
Atleet Siifan Hasan Atleetota kaadhimatoota xumuraa shan badhaasa atleetii cimtuu Atleetiksii addunyaa bara 2019 keessatti argamti.


Waldichi torbee lama dura koornayaa lameeniin atleetota kudhan kudhan filachuun niyaadatama.
Kaleessaa eegaluun kaadhimamtoota xumuraa shanan beeksiseera.
Kadhimattota xumuraa dubartototaa har’a beeksifamaniin bara gaarii kan dabrsite Siifan Hasan keessatti argamti.
Dhalootaan Itoophiyaa taatee Neezerlaadisiif kan fiigdu Siifan, bara 2019 xumruamuuf jiru injifanoowwaniin dabaaluun goolbde.
Shaampiyoonaa Atleetiksii addunyaa ji’a 2 dura Dohaatti xumurameen Meetira 10,000fi 1,500niin Nezerlaandiif meedaaliyaa warqii 2 argamsiiftee jirti.
Diyaamandi Liigii bara 2019′ fageenya Meetira 5,000 fi 1,500niin badhaasa Daayimandii fi maallaqaa qophaa’e dhuunfatteetti.
Fageenya Maayila 1 Monaakootti fiigdeen daqiiqaa 4 sekondii 12.33’n xumuruun riikardii addunyaa waggoota 23’f ture fooyyessite.
Injifannoowwan Siifan galmeesifte kunneen barana badhaasa waldichaa qophsaa’e fudhachuu akka dandeessu tilmamameera.Jamayikaarraa Sheli Ana fireezar, USA’dhaa Dalilah Muhammad, Venzuweelaarraa Yulimaar Roojaas kaadhimamtoota biroo Siifan wlaiin morkatani.
Keeniyaadhaa Eliyud Kipchoogee, Yugaandaa Joshuwaa Cheptegee, Norweeyii Karsten Warhoolm, USA irraa Sam Kendriks fi Noh Layilsi kaadhmamtoota dhiirotaa xumuraa shan filatamani.
Badhaasichi Sadaasa 23, 2019 Firaansi Magalaa Monaakootti kennama.

BBC gabaase.

Facebook Comments