Daa’imni waggaa sagalii Elektirikaal Injiinariingiitiin eebbifamuuf

OBN Sad. 17,2012- Laawureent Saayiman yeroo barnoota kutaa tokkoffaa jalqabu umuriin isaa waggaa afur ture. Ta’us garuu osoo hiriyyoonni saa sadarkaa lamaffaa barataa jiranii inni ammoo digiriin eebbifamuuf ta’a.

Laawureent barumsa isaa kutaa tokkoffaa akkuma barattoota warra kaanii waggaa tokko keessatti xumure. Erga gara kutaa lamaffaatti darbee garuu haalonni turan ni jijjiiraman.

Waggaa tokko keessatti barnoota hanga kutaa sagaliitti jiru xumure.

Laawureent yeroo umuriin isaa waggaa ja’a guutu barattoota sadarkaa lamaffatti kan makame yoo ta’u, barnoota waggoota ja’a fudhatu ji’oota 18 keessatti xumuruu danda’eera. Isaan booda ammoo daa’imni waggaa sadddetii ji’oota ja’aaf boqotee yunvarsiitii seeneera.

waggaa saddetitti yunvarsiitii kan seene Laawureent, ji’a sagal keessatti barnoota digirii jalqabaa isaa xumuruun baatii dhufu keessa Elektirikaal Injiinaringiitiin eebbifama.

Ol-adeemaan kun raajii akkamiitiin akka umurii waggaa sagaliitiin Elektirikaal Injiinaringiitiin eebbifamuu danda’e hin beekulleeti. Turtii BBC waliin taasiseen “Akkamiin akka kana milkeesse hin beeku” jechuun dubbateera.

Injiinariingii, fayyaamoo, lamaan isaa?

Laawureent tekinooloojiitti fayyadamee akkamiin akka dhala namaa gargaaruun itti danda’amu irratti qorachuutu isa gammachiisa. Waraqaan eebbaa inni hojjetes sochii sammuu namaa kan safarudha.

Laawureent maatii hogeessota fayyaa ta’anirraa kan dhalate yoo ta’u, digirii isaa sadaffaatiif dhimma fayyaarratti qorannoo gaggeessuu akka barbaadu kaoora qaba.

“Mul’anni koo qaamota namaa nam-tolchee hojjechuudha,” kan jedhu daa’imni samuu qaroo kun onnee, kalee dhala namaaf yeroo barbaachisanitti bakka buusuudhaan jireenya foyyaa’aa uumuufiifiin umurii isaanii dheeressuun wayya.

“Akaakayyoota koo dabalatee umurii namoota biroo dheeressuun barbaada,” jedha.

Laawureentiin kan guddise akaakayyuufi akkayyoota isaati. Yeroo xunnummaa isaarraa kaasee kennaa addaa akka qabuu abbaan Laawureent Aleksaandeer Saayimeen ni dubbatu.

Laawurant barnoota sadarkaa tokkooffaa yoo jalqabuu, barsiiftoonni isaa maatii isaaatti himan. Maatiin isaatii maaliif saffiisaa akka ta’e baruuf yaalaa turan. Dandeettiin isaa maan qofa osoo hintaanee oggeessootaa kan dinqisiisu ture.

Mucaa daa’imtii kunis dandeettii waa yaadachuu olaanaa kan qabu yoo ta’e, IQ isaa yoo safaramu 145 ta’e. Mucaan eerreegaafi saayinsii jaalatu kunis, afaaniif garuu fedhii addaa hinagarsiisu ture.

Abbaansaa akka jedhaniitti, guyyaa tokko tokkos mana barnootaa hafuun qarqara galaanaa deemuun bashannanuu barabaada ture. Erga yunivarsitii galee booda garuu sagantaa addaa hordoofuu eegale.

“Wiixata galma barnootichaa fudhachuun Kibxata laaboraatoorii gala. Roobii mana taa’ee sa’aatii saddeetiif qo’ata. Kamisa ammo kutaa barnootichaatiif gaaffii dhiyeessuun Jimaata qormaata fudhata,” jechuun himu abbaansaa.

Barattoonni gara biraas adeemsa kana xumuruuf turban sagalii hanga 12 itti fudhata.

Walumaa galattis hirriyyoonni kutaa isaa umuurii dachaan kan isa caalan Laawuranti, barnoota isaa kan hordofu kutaa addaa keessatti.

Abbaansaa akka jedhaniitti, akkuma ijoollee biraa yeroo itti xabatuus qaba.Maatiinis dhiibbaa omaa irratti hintaasisan.

Mucaan kunis Instagram irratti hordoftoota kuma 35 qaba. Suuraawwan wayita bashannannu agarsiisan midiyaalee hawaasaa irratti ni maxxansa. Hiriiyyoota isaattis TV irratti gaaffiin akka taasifameef boonaa akka dubbatu abbaansaa ni hima.

Mozaarti umuriisaa waggaa shanaffaatti muuziiqaa qindeesse ture. Piikaasaan ammoo fakkii jalqabaasaa kan hojjate waggaa sagaliitti ture.

Haa ta’u malee namoonni kanneen biroo daa’ummaatti beekkamtii argatan, yoo ol si qan ni baduu. Tarii Laawuranti umuriinsaa yoo dabaleen booda fiixaan bahee argu dandeenyaa laata?Maddi:-BBC

Facebook Comments