Dr. Abiyyi Ahimad Meelindaa Geetis waliin mari’atan.

OBN Sadaasa 01,2012 Ministirri Muummee Itiyoophiyaa, Dr. Abiyyi Ahimad Meelindaa Geetis waliin mari’atan.

Ministirri Muummee Itiyoophiyaa, Dr Abiyyi Ahimad Dura Teessuu Biilii fi Meelindaa Geet waliin finfinneetti  kan mari’atan.

Marii kanaanis dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadanii fi waliin hojjechuu danda’an irratti dubbatan.

Faawundeeshiniin Biilii fi Meelindaa Geet omishtummaan Qonna Itiyoophiyaa akka dabaluu akkasumas fayyaarratti waggoota baayyeef deeggaraa tureera.

Faawundeeshiniin Biilii fi Meelindaa Geet waggoota kurnan dhufan keessatti dubartoota gahoomsuuf doolaara Ameerikaa biiliyoona tokko ramaduu beeksise.

Yeroo ammaa ummata Ameerikaa keessaa harki 51 dubartoota. Ta’us teessoo Koongirasii Ameerikaa keessaa dubartoonni harka 24 qooda qabu jedhame.

Kanaaf Faawundeeshiniin Biilii fi Meelindaa Geet Ameerikaa keessatti dubartoonni roga hundaanuu fayyadamaa akka ta’aniif adda durummaan hojjetaa jira jedhame.

Facebook Comments