Milishoonni loltoota Maalii 24 Kaaba biyyattiitti ajjeesan

OBN Sad. 09,2012- Kaaba Maaliitti haleellaa hidhattoonni bananiin loltoonni biyyattii 24 ajjeefamuu Humni Waraanaa biyyattii beeksise.

Hidhattoonni haleellaa raawwatan Dhiha biyyattii keessa maadheffatanii akka jirantu himama.

Dhukaasa qindoomina humnoota waraanaa Maalii fi Niijeeriin daangaa irratti hidhattoota haleellaa raawwatan irratti banameen loltoonni 29 ammoo madaa’aniiru.

Humni waraanaa Maalii akka jedhutti waraana banameen shororkeessitoonni 17 daangaa Niijeer ajjeefamaniiru, kanneen shakkaman 100 ammoo to’atamaniiru.

Ajjeechaan loltoota Maalii irratti raawwate kun erga tibbana haleellaan biyyattii mudachuun loltoonni 54 ajjeefamanii torbanoota muraasa boodadha.

Haleellaan loltoota Maalii 54 galaafate sun seenaa biyyattii waggaa 10 darbee keessatti isa suukanneessaadha.

Haleellaan Wiixata 18,11,2019 raawwate eenyuun akka raawwatame qondaaltonni sirriitti adda hin baasne.

Gareen haleellaa raawwates garee kam akka ta’e adda hin baane.

Dhukaasa Kaaba Maaliitti baname kanaan qabeenyi hedduunillee barbadaa’uu humni waraanaa biyyattii ibseera.

Maaliin erga bara 2012 hookkara keessa jirti.

Bara sana gareen loltoota islaamaa ofiin jedhu garee Tuwaareg jedhamu hundeessuun magaalota biyyattii hedduu to’achuu egale.

Haata’u malee gargaarsa Firaansiin biyyattiin kutaalee humnoota garee Jihaadistootaa jedhamaniin qabaman of harkatti deebisuu dandeesseetti.

Humnoonni nageenyaa biyyattiis garee IS ofiin jedhu kan al-Qaa’idaadhaan hidhata qabu waliin wal waraanaa yoona ga’eera.

Dhiyeenya kana humni waraanaa Maalii iddoowwan haleeltonni maadheffatanii haleellaa raawwatan hedduu to’achuutu himama.

Akka ragaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Amajjii darberraa eegalee Maalii fi Burkina Faasoo keessatti namoonni nagaan 1,500 ajjeefamaniiru. Miiliyoonaan kan lakkaa’aman ammoo rakkoo midhaan nyaataaf saaxilamaniiru.

Yeroo ammaa humnoonni nagaa eegsistootaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii 15,000 ta’an Maalii keessa jiru.

Biyyoonni Lixa Afriikaa waggoota shanan itti aanan keessatti garee haleeltotaa qolachuuf maallaqa doolaara Ameerikaa biiliyoona 1 ramaduun hojjechaa jiru.

Firaansi ammoo gamasheetiin bara 2020 irraa eegaluun loltoota dabalataa gara Maalii erguuf akka jettu beeksisteetti.

 

Facebook Comments