Tiraampi fi Alsisiin dhimma hidha haaromsaa irratti waliin mari’atan

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi dhimma hidha haaromsaa Itoophiyaa irratti Pirezidaantii Ijipt Abdulfattaa Alsisii waliin mari’atan.

Doonaaldi Tiraampi dhimma hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaa irratti marii biyyoonni sadan Itoophiyaa, Ijipt fi Sudaan mari’atan kan deeggaran ta’uu “white house” beeksiseera.

Pirezidaant Tiraampi biyyoonni sadan dhimmicharratti ji’a Sadaasaa Washingtan DC’tti akka mari’ataniif, waamuu isaanii Ministirri dhimma alaa Ijipti kan ibse.

Akka gabaasa Rooyitersitti, Itoophiyaan hidhicha yoo ijaarte, hanga bishaanii laga Abbayyaa ni hir’ata sodaa jedhu qabdi. Itoophiyaan immoo hidhi haaromsaa guddichi guddina diinagee kiyyaaf murteessadha jetti.

Hidhi haaromsaa ijaaramuun Ijiptis ta’e biyyootaa yaa’a gara gadii jiran irratti dhiibbaa tokkollee akka hin qabne Mootummaan Itoophiyaa ibsaa turuun isaa niyaadatama.

Facebook Comments