Walgahii mana maree Ministiroota IGAD

OBN Onk 30, 2012 – Manni maree Ministiroota IGAD Waltajjii ariifachiisaa 69ffaa Finfinneetti eegale.


Waltajjicha Ministira Dhimma Alaa DRFI fi Dura Taa’aa mana maree Ministiroota IGAD yeroo kanaa obbo Gadduu Andaargaachoo, Ministironni Dhimma Alaa biyyoota miseensaa fi qaamni waliigaltee nageenya busuu Suudaan Kibbaa argamaniiru.


Obbo Gadduun haasawa taasisaniin, qaamni waliigaltee mallatteessu kanaan dura ji’a Sadaasaa keessa mootummaa ceehumsaa hundeessuuf waligaluu kaasaniiru.
Marii itti fufiinsan gaggeeffamaa tureen bu’aan kan argame ta’u, hundeeffama mootummaaf dhimmoonni ijoon akka hin hiikamne eeraniiru.

Facebook Comments