Pireezidaantiin Komishinii Gamtaa Awurooppaa Hersallaa Voon Darlayiniin gara Itiyoophiyaa dhufan.

Dr.Abiyyi pireezidaantii gamtaa Awurooppaa simatan.

Pireezidaantiin Komishinii Gamtaa Awurooppaa Hersallaa Voon Darlayiniin gara Itiyoophiyaa dhufan.

OBN Sadaasa 27, 2012 – Pireezidaantiin Komishinii Gamtaa Awurooppaa Hersallaa Voon Darlayiniin gara Itiyoophiyaa dhufan. Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad simataniiru.

Dooktar Hersallaa Vooniin dhiyeenya Pireezidaantii Gamtaa Awurooppaa ta’uun kan filataman, filannicha injifachuu isaanitiifis  baga gammaddan jedhanii jiru Dr Abiyyi Ahimad.

Gumacha Maallaqaa rifoormii hawaas – diinagdeef oolu Itiyoophiyaaf Gamtaan Awurooppaa gumaatef galateeffataniiru Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad.

Maallaqa Yuuroo Miiliyoona 100 fi Miiliyoonni 70 Gamtaan Awurooppaa gumaate ce’umsaa diinagdee fi misooma biyyaattiin milkoosuuf karoorfate hojjetaa jirtu qixa sirriin deeggara jedhan. Fuula feesbuukii Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad Alii irraa odeeffanne.

Facebook Comments