OBN Sad.20,2012- Chaayinaan kunuunsa biyyootiif doolaara biiliyoona 40 ramadde.
Faalamni biyyoo waan ishee yaaddesseef Chaayinaan, amajjii darbe seera baste qabatamaan hojiira oolchuu jalqabu ishees beeksifte.
Biyyattiin eegumsaa fi kunuunsa biyyoo irratti erga seeraa baastee as, kaampaanoonni 10,000 akka ittiin hogganaman ta’eera.
Intarpiraayizoota faalama dhaqqabsisaa turan 1,300 cufushee Chaayinaan kan beeksifte.
Ministeerri eegumsaa fi kunuunsa naannoo biyyatti , faalama naannoo hambisuun, omisha guddisee wabii midhaan nyaataa biyyatti kan mirkaneessu ta’uu beeksise.
Akka lakkoofsa Awurooppaa bara 2020’tti biyyoof kunuunsa godhanii itti fayyadamuu harka 90’n ga’uuf akka hojjatamu himame.
Maddi :-CGTN