Dr.Abiyyi Badhaasa Noobeelii nageenyaa kan bara 2019 dheengadda Noorwee Osilootti erga fudhatanii har’a ganama gara biyyaattii deebi’an.

“Seenaa haaraa hojjechuu qabna” Dr.Abiyyi

Dr.Abiyyi Badhaasa Noobeelii nageenyaa kan bara 2019 dheengadda Noorwee Osilootti erga fudhatanii har’a ganama Itiyoophiyaatti deebi’an.

OBN. Mud. 2,2012- Itiyoophiyaa, Eritiraa fi Bahi Afrikaa walii galaan yeroo xiyyeeffannoo fi maqaaa gaarii itti arganne jedhan ministirri muummee Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi Ahimad.

Ministirri Muumee Dr.Abiyyi Badhaasa Noobeelii nageenyaa kan bara 2019 dheengadda Noorwee Osilootti erga fudhatanii har’a ganama gara biyyaattii deebi’an.

Wayita isaan buufata xiyyaaraa idil-addunyaa  boolee gahan ummanni, qondaaltoonni fi qaamoleen hawaasaa adda addaa barii barraaqqaa bahuun simannaa gotaa taasisaniifi jiru.

Itiyoophiyaa, Eritiraa fi Baha Afrikaatti seenaan adda fuulduratti hojjetamuu akka danda’u waltajjii badhaasichaa irratti ibseera jedhan.

Koreen badhaasaa waan argee fi beeku ka’uumsa godhatee badhaasicha kennus,  kun akka milkaa’u  yaadaaf qalbbiin  nuwaliin waan taataniif ulfaadhaa jedhaniiru.

Keessumaayyuu badhaasni kun ani yaa fuudhu malee kan pireezidaantii Eritiraa Isaayyas Afeworqii, kan ummata Itiyoophiyaa fi Eritiraa ti jedhan.

Fuuldurattis kana ka’uumsa godhachuun rakkoolee hafan furaa kan deemnu jedhan ministirri mummee Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi.

Ummanni Itiyoophiyaa kan hubachuu qabu, hiyyeessaa taanus,  ummata seenaa , aadaa fi nageenyaaf hojjetu ta’uu fi seenaa keenya kanaan dura hin yaadatamne yaadachiisuu dandeenyerraa.

Waggaa kuma 1,500 dura amntiin kiristaanaa, waggaa 1,400 dura amantiin islaamaa namoonni hedduun nageenyaa fi warra rakkatan kan haammatu ta’uu ishee amananii kan turan ta’us waggaa 1,000 booda immoo seenaan ishee dagatamaa fi quucaraa dhufusaa yaadachiisan.

Ta’us har’a immoo carraa itti, seenaa biyyattii haaromsinu waan arganneef, tokkummaan kaanee Itiyoophiyaa gara badhaadhinaatti ceesisuuf halkanii guyyaa hojjechuu qabna jedhan.

Carraa amma argame kana irraa barannee fuulduratti immoo waltajjii idil-addunyaa irratti waan haaraa qabannee kan itti fayyadamnu akka ta’us gaafatan.

Itoophiyaa keessaatti kan namoota fuuduratti bahan duubatti harkisutu jira waan ta’eef, nama fuulduratti bahu deeggaruun, baasuutu barbaachisa jedhan.

Sirna badhaasa Noobeelii Osiloo kana namoonni biiliyoona 1.5 olta’u kallattiin miidiyaa hodofeera.

Waa’ee biyya keenyaa fi ummata keenyaa kallattii hordofeera.

Odoo maallaqaan ta’ee miiliyoona hedduu otoo baasnee carraan akkanaa argamuu hin danda’u jedhan.

Kanaaf carraan ammaa kun turizimii, invastimeentii hawwachuun rakkoo  eeggatummaa fi hojii dhabdummaa  furuuf gahee guddaa qaba.

Seenaan Waraanaa fi hiyyummaa akka dhaabbatuu gochuun wal-gargaarsi fi wal-dhaggeeffachuun dagaagee nutis warra kaan deeggaruu akka dandeenyuuf carraa kanatti fayyadamuu qabna jedhan.

Seenaa amma galmaa’e kanaan ijoolleen Itiyoophiyaa fi Eritiraa waan haaraa hojjechuun kan itti badhaafaman akka ta’aniif cimnee waloodhaan ni hojjenna.

Waraanni, arbsoo fi wal-goomachuun boodatti nu harkisa malee fayidaa waan hin qabneef askeessaa baanee biyya keenyaa fi naannicha waliin akka misoomsuuf waamicha dhiheessan.

Facebook Comments