Walgahii 25ffaa haala qilleensa addunyaa

OBN Sad,23,2012-Walgahiin 25ffaa haala qilleensaa addunyaa irratti mari’atu guyyaa kaleessa Ispeen,Maadiriid ‘tti eegalee jira.

Walgahiin 25ffaa haala qilleensaa addunyaa irratti mari’atu guyyaa kaleessa Ispeen,Maadiriid ‘tti eegalee jira


Walgahii kana irratti biyyoonni addunyaa 200 ta’an hirmaachaa jiru.

Haalli qilleensa Magaalittii baatiiwwan 12’n darban caalaa yeroo ammaa ho’aa akka jirus himameera.

Yaa’iicha Irratti kan argaman barreessaa olaanaan Dhaabbata Biyyoota gamtoomanii Aantooniyoo Gutaarez,deebiin qilleensa naannoo Addunyaaf kennamaa jiru gahaa miti jedhan.

Akka Dhaabbanni Meetirooloogii idil addunyaa beeksisetti ho’i addunyaa bara 2018’tti sadarkaa olaanaa irra gahee jira.

BBC gabaase

Facebook Comments