Invastimentiin alaa Chaayinaatti dabalaa dhufuura.

chaayinaan invastimentiin

Invastimentiin alaa Chaayinaatti dabalaa dhufeera.

OBN Amajjii 12,2012 – Invastimentiin alaa Chaayinaatti dabalaa dhufeera.

Bara faranjootaa 2019 darbe kanatti Chaayinaan invastimentii alaa doolaara Ameerikaa biiliyoona 136.7 hawwachuu ishee kan beeksifte.

Bara darbe kana kaampaanonni kuma 40 ta’anis Chaayinaa keessatti hojjechuuf galma’aniiru.

Keessumaayyuu kaampaanonni biyyoota alaa damee teekinoolojii irratti hojjetan harka 25.6’n guddachuu isaa kan himame.

Dureeyyoonni biyyoota Singappoor, Neezarlaandii fi Kooriyaa kibbaa Chaayinaa keessatti hojjechuun sadarkaa qabataniiru.

Daldalli bilisaa uumamuun isaa hawwatummaa invastimentii biyyattii dabalusaa ministeerri itti aanaan ministeera daldalaa Chaayinaa mr.Qiyaan Keeming kan dubbatan.

Maddi CGTN.

 

Facebook Comments