Chaayinaatti Vaayirasiin Koornaa jedhamu babal’achaa jira jedhame.

Chaayinaatti Vaayirasiin Koornaa jedhamu babal'achaa jira jedhame.

 

 

 

 

OBN Amajji 13,2012- Chaayinaatti dhiyeenya kana Vaayirasiin babal’atee du’aatii namoota 9f sababa tahe, ammas babal’achuu akka danda’u himame.

Vaayirasiin Koornaa jedhamuu kun kanaan dura dhala namaarratti mul’atee hin beeku jedhameera.

Mallattoon namni Vaayirasii kanaan qabame hargansuu waliin walqabatee qaama ho’isuu, qufaasisuu, hafuura kutuu fi kanaan kan walqabatantu irraa mul’ata jedhame.

Magaalaa Wuhaan keessatti qorannoo taassifameen namoota 440 ta’an dhukkuba kanaan qabamaniiru jedhame.

Aangawoonni biyyattiis namoonni gara magaalaa sanaa akka hin imalle gorsaniiru.

Vaayirasiin kun Naannolee Chaayinaa gara garaa irra dabree biyyoota birattis babal’achaa jira. Biyyoota akka Ameerikaa, ,Thailand, fi Kooriyaa Kibbaattillee babal’achaa jira jedhameera.Madda BBC

Facebook Comments