Taphataan kubbaa kaachoo beekamaa Ameerikaa Koobii Biraayaant balaa helikooptaraan du’e.

Taphataan kubbaa kaachoo beekamaa Ameerikaa Koobii Biraayaant balaa helikooptaraan du'e.

 

 

 

 

OBN Amajjii 18,2012-: Taphataan kubbaa kaachoo beekamaa Ameerikaa Koobii Biraayaant balaa helikooptaraan du’e.

Intalli taphataa beekamaa Koobee Biraayaant namoota balaa helikooptaraan ajjeefaman sagal keessaa tokkodha. Balaan kun magaalaa Kaalaabaasaa Kaalifoorniyaatti mudate.

Biraayaant, helikooptarii dhuunfaa isaatii lafatti kufuun kan du’e;balaa kanarraa namni hafe tokkoyyuu hin jiru jedhameera.

Biraayaant, Waldaa Biyyaalessaa Kubbaa Kaachoo Ameerikaatti al shan shaampiyoonaa taheera. Bara hojii guutuu garee Loosaangelis Leekarsiif kan taphate yoo tahu, seenaa tapha kanaan maqaansaa guddaattti dhahama.

Taphattoonnii fi namooti beekamoo du’asaa tasaa erga dhagahaniin booda ergaa gaddaa dabarsaafii jiru.

Jila badhaasa Giiraamii Loos Anjileesitti istaadiyeemii Leekarsitti adeemsifamaa jiru irrattillee taphataan kun yaadatameera.

Facebook Comments