Gonfoon jarraa 18 keessa hatame har'a Itiyoophiyaaf deebi'e

Gonfoon deebi’e

Gonfoon jarraa 18 keessa hatame har'a Itiyoophiyaaf deebi'e

 

OBN Gurraandhala 12,2012 – Gonfoon jarraa 18 gara biyyaa gale.

Ministirri muummee Dr .Abiyyi Ahimad ministira Daldala Alaa fi Tumsa Misoomaa Dach Siigriid Kaag, hambicha deebisuuf dhufan waliin mari’atan.

Akka ragaan fuula feesbuukii Waajjira Ministira muummee irraa arganne agarsiisutti, gonfoon mootii kun bara 1985 eegalee badee tureera.

Mootummaan Neezar laandis gonfichi barbaachisaa ta’uu isaa waan hubateef Itiyoophiyaaf akka deebi’u kan murteesse.

Gonfoon kun Onkololeessa bara 2011 Neezarlaandiitti kan argamee ture yoo ta’u, har’a biyyaaf deebi’eera.

Facebook Comments