“Guddinni diinageen Itiyoophiyaa Kanaadaafuu carraa gabaa kan uumudha” MM Kaanaadaa Jastiin Tiruudoo

"Guddinni diinageen Itiyoophiyaa Kanaadaafuu carraa gabaa kan uumudha" MM Kaanaadaa Jastiin Tiruudoo

 

 

 

 

OBN Gur 1,2012-Ariitiin guddachaa kan jiru diinageen Itiyoophiyaa Kanaadaafuu carraa gabaa kan uumu ta’uu, Ministirri Muummee Kaanaadaa Jastiin Tiruudoo himan.

Itiyoophiyaan biyyoota addunyaa kanarraa aariitiin guddachaa jiran keessaa tokko;biyyattiin gidduu galeessa diinagee ta’uuf hojjechaa jirti jechuun karaa facebookiisaanii himniiru.

Gudinni diinagee Itiyoophiyaa kun Kanaadaadhaaf gabaa uumuun cinaatti  lammilee biyyoota lachuufuu carraa hojii kan argamsiisuu jedhan.

Daawwannaa hojiif Itiyoophiyaatti kan argaman Ministirri Muummee  Kanaadaa Jastiin Tiruudoo biyyisaanii walitti dhufeenya biyyoota Afrikaa waliin qaban cimsuuf hoggantoota biyyoota afriikaa waliin mari’achaa jirus jedhameera.

Guyyaa kaleesaa Hoggantoota biyyoota Itiyoophiyaa,Ruwaandaa,Ijipti,Keepverdee waliin hariiroo  daldalaa fi investimantiirratti waliin mari’ataniiru.

Facebook Comments