Keeniyaatti abbaan seeraa dubartii abbaa warraashe ajjeessuun shakamte gargaaruun himatame

OBN Gur. 16, 2012- Keeniyaatti abbaan seeraa dubarti abbaan warraashee ajjeefamuun reeffi isa boolla mana fincaanii keessatti argamee tokko gargaaruun shakkame to’annaa jala oolfame.

Abbaan seeraa mana murtii olaanaa Saankaalee ole Kaantaa’i garuu himatamtuu Saaraah Waa’irimu deegartee jirta ega jedhameen booda yaada hinkennine.

Reeffii abbaa warraa Saaraah, kan lammummaansaa Dach Tob Koheen, erga bakka buutuunsaa dhabameen baatii lamaan booda baatii Fuulbaanaa keessa ture bollaa fincaanii keessaa kan argame.

Addee Saaraah ajjeechaa abbaa warraashee keessaa harka hinqaba jechuun haaltee murtee eeggataa jirti.
Abbaan seeraa Kaantaa’i garuu waa’ee du’a abbaa warraa ishee ilaalchisuun ibsa poolisiif kennite irratti shakkamtuu gargaaruun shakkameera.
Abbaan seeraa kunis Jimaata darbee to’annaa jala kan oolfamuun wabiidhaan kan gadhiifame yoo ta’u, himannaa haqa dabsuufi ragaa baatoota jidduu galuun irratti banameef jalqaba torban kanarratti mana murtetti akka dhiyaatu eegama jedha gabaasni BBC.

Pireesiin biyyattiis haala kanas akka ”dhimma himannaa ajjeechaa Keeniyaa keessatti yeroo dhihoo mudate kan addaa” jechuun ibsaniiru.

Namni ajjeeffame Mr Kooheen hojjataa ‘Philips East Africa’ ta’uun gara Keeniyaa kan dhufe yoo ta’u, booda keessa ammoo kubaaniyaa imalaa mataa isaa hundeefate.

Booda keessas gargaartu isaa kan turte Addee Saraah waliin bara 2007’tti gaa’ila dhaabbatan.
Haa ta’u malee bara darbe baatii Adooleessaa keessa eessa buteensaa dhabamee, baatii afuriin booda Fulbaana keessa reeffiisaa marameefi hidhamee ture boollaa mana fincaanii keessaa argame.

Facebook Comments