Kooriyaa Kibbaa keessatti lakkofsi namoota Koronaavaayirasiidhaan qabamanii dabalaa akka jiru himame.

Kooriyaa Kibbaa keessatti lakkofsi namoota Koronaavaayirasiidhaan qabamanii dabalaa akka jiru himame.

 

 

OBN Gur 15,2012-Kooriyaa Kibbaa keessatti lakkofsi namoota Koronaavaayirasiidhaan qabamanii dabalaa akka jiru himame.

Kooriyaa Kibbaa keessatti namoonni shan Vaayirasii kanaan kanaan du’uusaanii BBC gabaaseera; namoonni 600 ol immoo vaayirasichaan qabamaniiru.

Pireezidaant Kooriyaa Kibbaa Muun Jaa’iin biyyattiin rakkoo guddaa keessa galuu himaniiru.Rakkoo kana guyyoota dhufan keessatti to’achuuf akka hojjetamu himaniiru.

Itilii keessatti ammoo namoonni lama yoo du’an lakkofsi namoota vaayirasichaan qabamanii 100 ga’uu himameera.

Iraan keessatti eega guyyaa Roobiiti asi namoonni shan du’aniiru. Mootummaan namoonni vaayirasichaan qabamani 29 ta’anis qondaaltonni garuu vaayirasichi “magaalota hunda” keessatti tamsa’uu danda’a jechuun akeekkachiisaniiru.

Kutaalee bulchiinsaa Iraan 14 keessatti manneen barnootaa, Yuunivarsiitiwwan fi buufataalee aadaa eega gaafa Dilbataatii cufamniiru.

Kooriyaan Kibbaa Chaayinaatti aansee biyya lakkofsi namoota vaayirasichaan qabamanii 76,000 ol ta’uun biyya lammaffaadha.

Doonii Jaappan keessattis namoonni vaayirasichaan qabamanii 600 ol ta’eera.

Gaafa Dilbataa Kooriyaan Kaabaatti namoonni 169 ta’an vaayirasichaan qabamaniiru.Madda BBC

Facebook Comments