Koronaa vaayirasiin Itaalii irraa ka’uun biyyoota Awurooppaatti tatamsa’aa jira.

Koronaavaayiraiin Itaalii keessatti tatamsa’ee jiru gara biyyoota ollaatti daddarbaa jira.

Biyyoonni Awurooppaa hedduun lammiileensaanii vaayirasii kanaan qabamuu ibsaa jiru.

Biyyoonni akka Ostiriyaa, Kirooshiyaa fi Siwiizerlaand namoonni vaayirasiin kun irratti argame kanneen Itaalii turaniidha.Biyyoota Awurooppaa keessaa Itaaliin biyya koronaavaayirasiin keessatti hammaatee jiru yoo taatu haga ammaatti namoonni 300 ta’an qabamaniiru, 11 ammoo vaayirasichaan du’aniiru.

Biyyoonni ollaa Itaalii jiran garuu dhibee kana baqachuuf jecha daangaa cufuun sirrii miti jedhu.

Ministiroonni Fayyaa Firaansi, Jarmanii, Itaalii fi Komishiniin Gamtaa Awurooppaa vaayirasii biyyoota Awurooppaa keessa tatamsa’aa jiru kanaaf jecha daangaa walitti cufuun akka hin barbaachisne cimsanii dubbatan.

”Kan dubbachaa jirru waa’ee vaayirasii daangaa ce’uuti. Kanaafuu daangaa cufuun bu’aa hin qabu.” jedhan Ministirri fayyaa Itaalii Roberto Speranza.

Gitni isaanii kan Jarman Jens Spahn gamasaaniin biyyoonni ollaa of eeggannoo cimaa gochaa jiru jedhan, garuu vaayirasiin kun to’annoon ala ta’uu malas jedhaniiru.UK keessatti barattoonni boqonnaarra turanii Itaalii irraa deebi’an akka manatti deebi’an godhameera,

mootummaan akkaataa imalaa haaraa mijeessee hanga xumurutti jechuudhaan.

Ministirri Fayyaa biyyattii Matt Hancock garuu karoora balaliinsa xiyyaaraa gara Italiitti taasifamu cufuu akka hin qabne dubbatan.

Sababa kanaan daandii xiyyaaraa lammiilee Biriiteen miiliyoonaan keessummeessu cufuu akka hin barbaanne ibsan.”Itaaliin balaliinsa gara Chaayinaa hunda waan cufteef amma rakkoo hamaa keessa seentee jirti” jedhan.BBCtu gabaase

Facebook Comments