Lammiileen Keeniyaa reeffa Pireezidantii isaanii duraanii gaggeessaa jiru

OBN Gurraandhala 03, 2012 – Pireezidantiin Keeniyaa duraanii torbee darbe ganna 95tti boqotan Daani’el Araap Mooyi, awwaalchi isaanii har’a gaggeeffamaa jira.

Dureen biyyoota 18 awwaalcha pireezidantii biyyattii duraaniif ni argamu jedhameera. Kanneen keessaas pireezidantiin Itiyoophiyaa Saahilawarqi Zawdee ganama kana Naayiroobii galaniiru.

Sirna gaggeessaa magaalaa Naayiroobii, istaadiyoomii Nyaayootti wayita ammaa gaggeeffamaa jiru kanaaf, lammiileen kumaatamaan lakka’aman argamaniiru.

Istaadiyomiin namoota 30,000 qabachuu danda’u kun guutee akka cufames miidiyaaleen biyyattii gabaasaniiru.
Guyyaan har’aas guutuu biyyattiitti ayyaana tahuun labsameera.

Magaalaa Naayiroobii keessattis biilboordiiwwan suuraa obbo Mooyi qabatan hedduun ni mul’atu.

Sirna gaggeessaa guyyoota muraasaaf reenfa isaanii daawwachuun taasifameen, namoonni 200,000 reenfa obbo Mooyi daawwataniiru jedhameera.

BBCtu gabaase

Facebook Comments