Carraan Koroonaavaayirasiin du’uu hangam akka ta’e beektuu?

Qorattoonni yeroo ammaa namoota dhibee Koroonaavaayirasiin qabaman 1,000 keessaa shanii hanga 40 ta’an du’uu danda’u jedhanii yaadu.

Tilmaama sirriitiin ammoo namoota dhibee kanaan qabaman 1,000 keessaa sagal kan ta’an ykn %1 kan ta’u lubbuun ni darba jedhu.

Dilbata darbe Ministeerri Fayyaa UK Maat Hankook, “qorannoon baayyee gaariidha jedhame mootummaan gaggeesse” carraan dhibee kanaan du’uu “%2 gadi ykn isaan gadillee ta’uu mala” jedhan.

Haata’u malee, dhimmoota adda addaa irratti hundaa’a: akka umurii, saalaafi haala fayyaa kee walii galaa, akkasumas sirna fayyaa irratti hundaa’a.

Tilmaamuun isaa rakkisaadha. Inumaattuu, namoota dhibee kanaan qabaman lakka’uun hedduu cimaadha.

Dhibeewwan vaayirasii baayyeen yeroo hedduu osoo hin lakkaa’amin hafuu malu, sababiin isaa ammoo namoonni mallattoo dhukkubaa cimaa ta’e yeroo hin qabaannetti doktora bira deemuu dhiisu.

Garaagarummaan hanga namoota vaayirasichaan qabaman keessaa du’anii guutummaa addunyaa irraa gabaafamaa jiru gosti vaayirasichaa gara garaa ta’ee miti.

Akka qorannoo Kollejjiin Impeeriyaal gaggeesseeti, sababiin hangi namoota du’anii biyyoota gara garaa keessatti adda ta’uu biyyoonni kunneen dhibee kana to’achuudhaaf isa salphaafi hamaadha jedhame adda baasanii beekuu irrattidha.

Kanaaf, dhibee kana hanga gabaafamuu qabu gabaasuu dhiisuun baayyina namoota du’anii akka ol ka’ee tilmaamamu taasisa. Haata’u malee, kallattii faallaa kanaatiinis dogoggora tilmaama ta’e argachuu dandeessa.

Faalamni/infeekshiniin dhibee kanaa hanga fayyamutti ykn ammoo ajjeesutti yeroo ni fudhatas.

Yoo dhibee hunda warra dhiibbaa uumuu hin jalqabiin jiran itti dabaltee qabatte, baayyina du’uu maluu gadi xiqqeessitee tilmaamta, sababiin isaa, dhibee boodarra gaafa hammaataa dhufu ajjeesuu danda’u keessaa hambista waan ta’eef.

Namoonni tokko tokko Koroonaavaayirasiin yoo qabaman carraan du’uu guddaa isaan mudata. Namoonni kunneen maanguddoota (warra jaaran), warra dhukkubsataniifi tarii ammoo dhiirota.

Namoota umuriin isaanii waggaa 30 gadi ta’aniif Koroonaavaayirasiin qabamanii carraan du’uu isaanii namoota 4,500 keessaa saddeeti.

Carraan dhibee Koroonaavaayirasiitiin du’uu namoota rakkoo fayyaa kan akka shukkaaraa, dhiibbaa dhiigaa hamaa ykn rakkoo onnee ykn ammoo rakkoowwan argansuu qabaniif warra kaan waliin yeroo ilaalamu harka shan caalaa ol ka’a.

Dhiiraafi dubara wal bira qabsiisuun yeroo ilaalamu ammoo lakkoofsa dhiirotaa dhibee kanaan du’anitu caala.

Dhimmoonni kunneen hunduu walitti ida’amuudhaan waan gumaachaniif carraa namoonni gara garaa bakka gara garaa irraa ittiin dhibee kanaan du’uu malanii hangam akka ta’e wanta guutummaan deebisu hin qabnu.

Gareen dhiirotaa umuriin isaanii waggaa 80 Chaayinaa keessa jiraatan carraan du’aaf saaxilamuu, warra umurii walfakkaatu qabaachuun Awurooppaa ykn Afirikaa keessa jiraataniin addadha.

Timaamni ati kennitu wallaansa argattu irratti hundaa’a.
Kun ammoo gama biraatiin, wanta jiruufi sadarkaa dhibeen kun qaqqabsiise ykn irra jiru irratti hundaa’a.

Fakkeenyaaf, yoo bakka tokkotti lakkoofsi namoota dhibee kanaan qabamanii heddummaate kunuunsi kennamuuf malu xiqqaachuu mala, wantonni wallaansaaf barbaachisanis hanqachuu malu.

Ammatti gorsi Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) dhibee kanarraa of ittisuuf kenne: harkakee dhiqachuudhaan, namoota qufa’aniifi axxifatan irraa fagachuudhaan akkasumas ija, funyaaniifi afaan kee qaqqabuu dhiisuudhaan dhukkuboota sirna argansuu of irraa ittisuun of eeguu dandeessa jechuun BBCn gabaaseera.

Facebook Comments