Gireet Biriteen tatamsa’inni vaayirasii Koronaa kan itti fufu taanaan Olompiikii Tookiyoo bara 2020 irratti hin hirmaadhu jette.

Gireet Biriteen tatamsa’inni vaayirasii Koronaa kan itti fufu taanaan Olompiikii Tookiyoo bara 2020 irratti hin hirmaadhu jette.

 

 

OBN Bit.15,2012- Gireet Biriteen tatamsa’inni vaayirasii Koronaa kan itti fufu taanaan Olompiikii Tookiyoo bara 2020 irratti hin hirmaadhu jette.

Olompiikiin Tookiyoo bara 2020 Adooleessa 24 hanga Hagayya 9’tti dorgomamuuf sagantaan qabamuufis, dhimmi vaayirasii koronaa yaaddoo uumeera.

Hoji gaggeessaan koree olompiikii Britsh Hugh Robertson, tatamsa’inni vaayirasii koronaaa haaluma kanaan kan itti fufu taanaan murtee salphaadha waan ta’eef atileetota keenya gara Jaappanitti hin erginu jedhan.

Koreen olompiikii Addnuyaa IOC’n dorgomicha qopheessuu fi dhiisuu isaa torbeewwan afuriin booda nan beeksisa jechuun isaa ni yaadatama.
Kanaadaa fi Awustiraaliyaanis biyyoota atileetota isaanii gara Jaappaanitti hin erginu jechuun ejjannoo qabatan keessaayi.

Gama tokkoon Pireezidaantiin Atileetiksii Addunyaa Sabastiyaan Koo Olompiikiin Tookiyoo bara 2020 yeroo biraatti akka darbu waamicha dhiheesaniiru.Madda BBC Sport.

 

 

 

 

Facebook Comments