Jibuutitti yeroo calqabaaf namni koroonaavaayiraasiin qabame tokko argame

Namni dhibee kanaan qabamee argames guyyoota Afuriin dura Jibutii kan gale ta’uun ibsameera.

Namichi dhibee kanaan qabame kunis miseensa humna addaa Ispeen yoo ta’u; qorannoo guyyaa kaleessaa irratti taasifameen koroonaavaayiraasiin qabamuun isaa mirkanaa’eera.

Lammiin Ispeen dhibee kanaan qabame kun hanga ammaatti lammilee Jibutii waliin kan wal hin argine ta’uus Ministeerri Fayyaa Biyyattii beeksiseera. Yeroo ammaa kanas iddoo tursiisa dhukkubsattoota dhibee kanaaf qophaa’e keessa jiraachuun ibsameera.

Jibuutii dabalatee Zaanzibaaritti namni jalqaba vaayirasii kanaan qabame kan argame yoo ta’u; Keeniyaa fi Taanzaaniyatti lakkoofsi namoota qabamanii dabaluun himameera jedha gabaasni Rooytaarsi.

Facebook Comments