Liyooneel Meesii, Kiristiyaanoo Roonaaldoo fi Neeyimaar Juuniyeer taphattoota mallaqni olaanaan kaffalamuuf ta’uun ifoomeera.

Liyooneel Meesii, Kiristiyaanoo Roonaaldoo fi Neeyimaar Juuniyeer taphattoota mallaqni olaanaan kaffalamuuf ta’uun ifoomeera.

 

 

OBN Bit.15,2012-Liyooneel Meesii, Kiristiyaanoo Roonaaldoo fi Neeyimaar Juuniyeer taphattoota mallaqni olaanaan kaffalamuuf ta’uun ifoomeera.

Qorannoo ‘France Football Magazine’ baaseen Meesii, Roonaaldoo fi Neeyimaar taphattoota addunyaa kanaa mallaqni guddaan isaaniif kaffalamu.

Liyooneel Meesiin gaalii Yuuroo miiliyoona 100 fi miiliyona 31 waggaatti argachuun addunyarraa sadarkaa jalqabaa qabateera.

Kan Juveentus Kiristiyaanoo Roonaaldoon ammoo Yuuroo miiliyoona 100 fi miiliyoona 18 argachuun sadarkaa 2ffaaratti argama.

Galiin Ronaldon bara 2019 argate kan bara 2018 Yuuroo miiliyoona shaniin ni caala.

Akka qorannoon kun ifoomsetti Neymar Juuniyeer galii waggaa Yuuroo miiliyoona 95 argachuun Meesii fi Ronaldotti aanuun sadarkaa 3ffaadha.

Neeymaaris galiin bara kana argate Yuuroo miiliyoona 4.5’n daballii agarsiiseera.

Gareth Bale ammoo Yuuroo miiliyoona 38.7 argachuun sadarkaa 4ffaaratti argama.

Leenjisaan Atiletikooo Maadriid Diego Simeonen waggatti galii Yuuroo miiliyoona 40.5 argachuun leenjisaa kaffaltii olaanaa argatan ta’aniiru.

Kan Intar Milan Antooniyoo Konten Yuuroo miiliyoona miiliyoona 30’n sadarkaa 2ffaa, Pep Gaardiyoolaan Yuuroo miiliyoona miiliyona 27.5 argachuun sadarkaa 3ffaa qabataniiru.

Facebook Comments