Loltoonni Ameerikaa haaloo bahuf hidhattoota Iraaniin deeggaraman irratti haleellaa banan

OBN Bit. 04,2012- Yunaayitid Isteet milishoota Iraaniin deeggaramaniifi Iraaq keessatti argaman irratti haaloo bahuf haleellaa bante.

Kuni kan ta’e rokkeetiin isaa biraa darbatame jedhame buufata waraanaa Tajji jedhamutti loltoota ishee lamaafi lotuu Biriiteen tokko ajjeese jennaani.

Akka Raayyaan Ittisaa Ameerikaa ibsetti bakkeewwan Ameerikaan haleellaa itti raawwataa jirtu kuni kuni bakkee kuufama waraanaa hidhattootaa shan irrattidha.

Ibsa Ministeerri Ittisaa Ameerikaa kamisa galgala baasen kuusaa waraanaa Qaxayib Hezbollaah irratti haleellaan taasifamaa jira.

”Bakkeewwan kuni kuusaa meeshaa waraanaa Ameerikaafi loltoota ergamaaf Iraaq jiran irratti dhukaasuuf oolan,” hammata jedha ibsi bahe.

Haleellaan kuni ofirraa ittisuuf kan taasifamaa jiruufi dhukaasa milishoota Shiyaa Iraaniin deeggaraman irraa dhukaafameef akka deebitti kan taasifamudha jechuun ibsa.

Ameerikaan haleellaa irratti raawwatuf milishoota kanneen yeroo himattu kuni kan duraa miti.

Ministirri Ittisaa Ameerikaa Maark Espeer ”lubbuu humnoota nageenyaa keenya eeguuf tarkanfii kamuu ni fudhanna,” jechuun himan.

Xiinxalaan Ittisaa Jonaataan Maarkas addunyaan dhimma koronaavaayirasii dhimma ijoo isaa godhatus Ameerikaafi Iraan Iraaq keessa lola hin dhaabne jedhan.Maddi;-BBC

Facebook Comments