Naannolee Ameerikaa hundaa keessatti Vaayirasiin koroonaa waliin ga’uusaa himame.

Naannolee Ameerikaa hundaa keessatti Vaayirasiin koroonaa waliin ga'uusaa himame.

 

 

OBN, Bit.9, 2012- Naannolee Ameerikaa hundaa keessatti Vaayirasiin koroonaa waliin ga’uusaa himame.

Har’a Bulchinsaa Baha Vaarginiyaa Ameerikaa keessatti namanni koroonaa vaayiraasiin qabame tokko erga argame booda Bulchinsa Ameerikaa hundaa keessatti koroonaa vaayiraasin argamu isa ibsame.

Hanga ammatti Ameerikaa keessatti nammoonni kuma 6 fi 300 vaayiaasiin qabamaniiru.lubbuu namoota 108 galaafateera.

Akka addunyaatti namoonnii kumaa dhibba 2 vaayiraasii kanan qabaman keessaa namoonni 8000 lubbuun isaanii darbuu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa beeksiseera.

Biyyoota Tuuriziimii irraa galii guddaa argaachuun dinaagdee isaanii soch’uu saan irratti dhibeen kun yaaddoo cimaa ta’a akka dhufees himameera.

Ameerikaan tatamsa’ina vaayrasichaa ittisuuf labsii yeroo ariifachiisaa labsuun ishee ni yaadatamaa. Madda BBC

Facebook Comments