Tuuniziyaatti namoota koroonaa vaayirasiin qabaman keessa namni tokko du’uun himame

Biiroon Fayyaa Tuuniziyaa akka jedhetti, dubartiin umurii waggaa 72 kan taate weerara dhibee koroonaa vaayirasiin addunyaa kanarraa du’aan boqateetti.

Tuuniziyaatti lakkoofsi namoota dhibee kanaan qabamanii jalqaba 39 turan, namoonni shakkaman immoo kuma 8,787 yoo ta’an isaan keessa namoonni kuma 5,628 immoo yeroo turtii isaanii xumuranii gara mana isaanitti deebi’aniiru jechuun CGTN Afrikaan gabaaseera.

Facebook Comments