Vaayrasiin koroonaa biyyoota Afrikaa 35 keessatti kan muul’ate yoo ta’u, namoonni 733 dhibee kanaan qabamaniiru.

Vaayrasiin koroonaa biyyoota Afrikaa 35 keessatti kan muul’ate yoo ta’u, namoonni 733 dhibee kanaan qabamaniiru.

 

 

OBN Bit.11,2012- Vaayrasiin koroonaa biyyoota Afrikaa 35 keessatti kan muul’ate yoo ta’u, namoonni 733 dhibee kanaan qabamaniiru.

Ijipti qofa namoonni 210 qabamuun himameera;Afrikaa Kibbaattis ammoo namoota 150 qabamaniiru.
Vaayirasiin kun Itiliifi fi Ameerikatti daran hamaachaa akka jiru himameera.

Itiliitti namoota kuma 41 qabaman keessaa namoonni kumni 3 fi 405 du’aniiru.namoonni Vaatirasii Koronaatiin Itiliitti du’an kan Chaayinaa caalus himameera.

Ameerikaatti guyyaa tokko keessatti namoonni kumni 5 dhibee kanaan qabamaniiru.

Biyyattiitti waliigala namoota kuma 13 fi 678 qabaman keessaa namoonni 188 lubbuunsaanii darbeera.

Waliigala addunyaarratti namoonni kumni dhibbi 1 fi kumni 45 ol yoo qabaman namoonni kumni 10 fi 20 du’aniiru.
Dhibeen kun diinagdee addunyaarrattis miidhaa hammaataa geessisaa jira jedhame.

Afrikaatti qofa torbe lama keessatti daandiiwwan qilleensaa Afrikaa Doolaara Biiliyoona 4.4 kasaaraniiru jedhame.Maddi:- BBC CGTN fi Reuters

Facebook Comments