‘Covid-19′ irraa bayyanachuun irra deebiin hin qabaman jechuu miti’ -Dhaabbata Fayyaa Addunyaa

'Covid-19' irraa bayyanachuun irra deebiin hin qabaman jechuu miti' -Dhaabbata Fayyaa Addunyaa

 

OBN Ebla 17,2012- ‘Covid-19′ irraa bayyanachuun irra deebiin hin qabaman jechuu miti’ -Dhaabbata Fayyaa Addunyaa

Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO)tti, wayita ammaa kanatti namoonni Covid-19 irraa bayyanatan, dandeettii vaayirasichaan yeroo lammaffaaff akka hin qabamne ittisu qabaachusaaniif ragaan hinjru.

Amma dura namoonni vaayirasicha irraa bayyanatan akka deebiisanii hin qabamnee qaamniisaanii dandeettii dandamachuu (antibody) uuma yaada jedhutu ture.

UK keessatti, qorannoon dandamannaa (antibody) dhiigaa fi hordoffiin hammantaa infekshiinii hawaasaa tarsimowwan gurguddoo shanan mootummaan tatamsa’ina vaayirasichaa xiqqeessuuf wixineessedha.

Qorannoon ‘antibody’ – namni tokko duraan vaayirasichaan qabamusaa adda kan ittiin baafamudha.

Akka gabaasa BBCtti,Kunis uggura amma kaa’ame kaasuufi warra talaallii qopheessaa jiraniif ragaa dabalataa ta’aaf jedhameera.

Facebook Comments