Dooktarri Firaansi ganna 98 dhukkubsatoota gargaaraa akka jiran himame

Haakimiini biyya Firaansi ganna 98 kan ta’an yaalamtoota vaayirasii koroonaa hanga ammaatti gargaaraa akka jiran himame.

Dr. Kiristiiyaan Cheenaayi jedhamu umurii kanaatti dhukkubsattoota gargaaruuf dubaatti akka hin jenne himameera.

Umuriisaanii waggaa 98tti jaarsa yaalaa kan jedhaman doktaarichi yeroo ammaa kana hanqina ogeeyyii yaalaa Faraansi mudateef furmaata kennaa akka jiranis himameera.

Yeroo rakkisaa kana keessa taa’uu hin barbaadu kan jedhan Dr. Kiristiiyaan Cheenaayi hammaan danda’u namoota gargaaruun qabas jedhaniiru.

Madda; BBC

Facebook Comments