Kutaaleen Ameerikaa sadii dhaabbileen daldalaa akka banaman hayyaman.

Kutaaleen Ameerikaa sadii dhaabbileen daldalaa akka banaman hayyaman.

 

 

OBN Ebla 17,2012-Kutaaleen Ameerikaa sadii dhaabbileen daldalaa akka banaman hayyaman.

Tamsa’ina koroonaavaayiras ittisuuf kutaaleen biyyaa Ameerikaa dhaabbileen daldalaa akka cufamaniifi sochiin uummataa akka adda citu erga murteessanii baatileen lakkaawamaa jiru.

Lakkoofsi namoota biyyattii keessatti du’anii 51,000 ol darbus, jiraattootni mana taa’uu hin feenu jechuun hiriira bahaa turan.
Amma kutaan biyyaa Joorjiyaa fi Oklaahoomaa manneen miidhagina itti eeggataniifi ispaan akka banaman hayyamaniiru. Alaaskaatti ammoo manneen soorataa banamaniiru.

Namootni tajaajila kan argachuuf manaa bahan of eeggannoowwan barbaachisu hunda gochaa walirraa siiqanii socho’uu qabu jedhameera.

Tatamsa’ina vaayirasii koronaa kanaan walqabatee hojii dhabdummaan biyyattii keessatti hammaateera;yeroo ammaa kana lammiieen miil.26 ta’antu hojii dhabaadha jedhame;kun immoo baayyina lammiilee biyyattii keessaa harka 15 akka ta’e himammeera.

Babal’achaa dhufuu hojii dhabdummaa naanis walqabatee Ameerikaan daldalli akka itti fufu dirqamaa jirti.
Pireezidantiin biyyattii Donaald Tiraamp, lammiileen dhiibbaa diinagdeerraa akka bayyanataniiif maallaqa bayyanachiisaa Doolaara biiliyoona 484 Jimaata kaleessaa raggaasaniiru.Madda:-BBC

Facebook Comments