Maaraatooniin Landan Atileetota jajjaboo qofa hirmaachisuu akka danda’u himame.

Maaraatooniin Landan Atileetota jajjaboo qofa hirmaachisuu akka danda’u himame.

 

 

OBN Ebla 19,2012-Maaraatooniin Landan Atileetota jajjaboo qofa hirmaachisuu akka danda’u himame.

Maaraatooniin Landan bara 2020 kaleessa dorgomamuuf ture, sababa tatamsa’ina vaayirasii koronaatiin Onkololeessa 4’tti darbuun isaa ni yaadatama.

Daarektatarri dorgomichaa Hiwuu Biraashar akka jedhanitti, maaraatoonii Landaniratti atiletonni jajjaboon ykn buleeyyiin qofti akka hirmaachuu danda’an himaniiru.

Akka Daarekteerichi jedhanitti, filannoowwan 10 qabatan keessaa, atileetota jajjabboo hirmaachisuu kan jedhu filatamaa akka ta’e eeraniiru.

Dorgommiin bara kanaa atileetota saffisoo maaraatoonii addunyaarraa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa qabatan Eliud Kipchoge fi Qananiisaa Baqqaalaa walitti fidu hawwiin eegamaa ture.

Hanga sanatti wanti uumamu beekamuu baatus Qananiisaa fi Kipchoogeen dorgomicharatti walii akka dorgoman abdii qaban, Hiwuu Biraashar himaniiru.

Qananiisaa Baqqaalaa abbaa riikardii addunyaa meetira kuma shanii fi kudhaniiti.

Kana malees fulbaana darbe maraatoonii Barliin sa’aatii 2:01:41 1ffaa bahuun riikardii addunyaa sakandii lamaaf osoo hin fooyyesin hafeera.

Ostiriyaa Veenatti maaraatoonii sa’aatii lamaa gadiin kan xumure atileetiin Keeniyaa Eliud Kipchogen bara 2018 riikardii maaraatoonii addunyaa sa’aatii 2:01:39 Barlinitti galmeessisuun ni yaadatama.Madda:-BBC

Facebook Comments