Niwuziilaandi tatamsa’ina vaayirasii koranaa to’achuu beeksifte

Niwuziilaandi tatamsa'ina vaayirasii koranaa to'achuu beeksifte

 

 

OBN Ebla 19,2012- Niwuziilaandi tatamsa’ina vaayirasii koranaa to’achuu beeksifte.

Ministirri Muummee Niwuziilaandi Jasiindaa Ardarni amma booda osoo hin beekamiin vaayirasichi namarraa namatti hin darbu, ‘lolicha injifanneerra’ jedhan.

Biyyattiin har’a irraa eegaluun uggura sadarkaa biyyaatti labsitee turte kaasuu eegalti.

Direktarri Waliigalaa Fayyaa biyyattii Dr Ashlii Biluumfiild biyyattiin ‘galma dhabamsiisuu’ milkeessiteetti jedhan.

Kana jechuun garuu namni haaraa qabamu hin jiru jechuu miti, “namootni qabaman eenyu akka ta’an, eessaa akka dhufan ni beekna jechuudha” jedhan.

Biyyattii keessa walumaagalatti namootni qabaman, 1,500 xiqqoo caala. Kana keessaa dhibbeentaa 80 kan ta’an bayyanatanii jiru.

Namootni sababa vaayirasichaan du’an 19.Madda:-BBC

Facebook Comments