UK’n ogeeyyii fayyaa weerara koronaavaayirasiin lubbuu dhaban yaadachuufi

OBN Ebla 20, 2012- Guutummaa UK keessatti sirni yaadannoo daqiiqaa muraasaaf turu gaggeeffamuuf jira.

Weerarri vaayirasii addunyaa walgahe UK keessattis lubbuu ogeeyyii fayyaafi namoota dhukkubsattoota kunuunsaa turan 100 olii dabarse.

Hojjattoonni tajaajila geejjibaa fi kan biroo kennaa turanis weerara kanaan miidhamaniiru.

Daarektarri tajaajila eegumsa fayyaa biyyaalessa UK Istiifan Poowis ‘’guutummaa UK keessatti hojiin isaanii hammam akka yaadatamuu fi dinqisiifamu mul’isuu qabna’’jedhan.

Ogeeyyiin fayyaa hiriyoota fi namoota wajjiin hojjataa turan yaadachuuf jiru jedha gabaasni BBC.

Ministeerri Muummee UK vaayirasicharraa bayyanachuun Wixata hojiisaaanii idileetti deebi’an sirna yaadannoo kanarratti akka argaman ibsameera.

 

Facebook Comments