Dhimmi hidha haroomsaa Itoophiyaa faayidaa biyyoota sadeenii gidduugala taasisuun waldhibdeen jiruu mariin hiikamuu qaba-Itaali

OBN Waxabajjii 16 2012- Dhimmi hidha haroomsaa Itoophiyaa faayidaa biyyoota sadeenii gidduugala taasisuun waldhibdeen jiruu mariin akka hiikamuuf Itaalin akka deeggartu Ministirrii Dhimmaa Alaa biyyatti beeksisuu Obbo Gadduu Andaargaachaw himan.

Guyyaa har’a Obbo Gadduu Andaargaachaw gita isaanii Xaaliyaan Itaalin waliin bilbilaan mari’ataniiru.

Marii isaanii irratti dhimmii Hidha Haaroomsaa Guddichaa Itiyoophiyaa mariin akka hiikamuuf Itaaliin deeggarsa akka taasistuu Ministirrii Dhimmaa Alaa biyyatti Luygii Dimaayyuu himaniiru.

Dabalatanis Obbo Gadduun hariiroon biyyoota lameenii karaa cimsuu danda’amufi weerara vaayiraasii koroonaa ittisuun karaa danda’amuu irrattis mari’achuusaani himaniiru Pireesiin Itoophiyaa gabaaseera.

Facebook Comments