Gabaasni TV Tigraayin darbe dhugaa irraa kan fagaatee ta’uu BBCn ibse.

OBN Caamsaa 30, 2012- Gabaasni TV Tigraayin darbe dhugaa irraa kan fagaatee ta’uu BBCn ibse.

Carraa Hoggantuu Mootummaa Maaynamaar Angi Saan Suuki isaan mudate Ministira Muummee Itiyoophiyaa Dr. Abiyyii Ahimad isaan mudachuu danda’a jechuun gabaasaan BBC  gabaaseera jechuun TV Tigraayin darbee dhugaa irra kan fagaatee ta’uu BBCn ibseera.

Ministirri Dhimma Alaa FDRI duraani Obbo Siyuum Meesfiin yaada TV Tigraayiiif kennannin Badhaasni Noobeelii Ministira Muummee Dr. Abiyyii Ahmadiif hin malu jedhaniiru; Koreen Badhaasa Noobeeliis badhaasa kan Ministira Muummee irraa deebi’isuuf yaadaa jira jechuun TV Tigraayitti dubbataniiru jechuun BBCn ibseera.

Badhaasa Noobeelii Nagahaa bara 2019 Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad fudhachuun isaanii ni yaadatama. BBCn ji’oota darban rippoortara keenyaan Kalkidaan Yibalxaalin gabaafame TVn Tigraay sagalee isaa kutee fudhaachuun itti fayyadameera jedha garuu BBCn gabaasa akkasii hojjete akka hin beeknees himeera.

Koreen Badhaasa Noobeelii Norweey Magaalaa Oslootti argamu Badhaasa Noobeelii Nagahaa Dr. Abiyyiif kenname isaaniif hin malu jechuun oduun darbe dhugaa irraa kan fagaatee ta’uu Daayirikteerrii Koree Badhaasicha Alod Nolsitiid Gaazexeessa Eliaas Masaraatiif kan ibsan yemmuu ta’uu Oduun karaa Obboo Siyuum Masfiinin darbe jiruus soba ta’uu himameera.

Dhimma kan irratti Hogganaa Biiroo Dhimmoota Koominikeeshiinii Mootummaa Naannoo Tigraayi kan ta’an obbo Haadish Kaasuu waa’ee dhimmacha irratti yaada nuu kennannin waa’ee sagantaa darbee waan hin beekuu hin qabu jedhaniiru jechuun BBCn himee jira.

Facebook Comments