Manguddoota giddu gala gargaarsaa keessa jiran daawwachuun heyyamame-Maakroon

OBN Wax. 08, 2012- Pireezidaantiin Firaansi Imaanu’eel Maakroon haasaa Uummata isaaniif taasisaniin waraana turee Firaansi injifannoon xumurtee jirti ta’uus garuu waraanni kun marsaa duraati malee kan xumura miti jedhan.

Uuggurri turees akka ka’uu Firaansi murtessuun kaaffee,reestoorantiiwwaan adda addaa tajaajila kennuu akka qaban heyyamameera.

Guutuu Firaansi keessatti iddooleen tajaajila uummataa kennan hundi maamiilootaaf banaa akka ta’u akkasumas gara biyyaa keessa galuu fi gara biyyoota Awurroopaa garagaaras imaluun heyyamameera.

Manguddoota giddu-gala gargaarsaa keessa jiranis daawwachuun heyyamameera.

Kanaan dura giddu-gala manguddoonni keessa jirataan keessatti manguddoonni hedduun COVID-19n qabamanii lubbuun isaanii darbuu ni yaadatama.

Guyyaa har’aa wixata Firaansi qofa osoo hin taanee biyyoonni Awurroopa hedduun daangaa isaanii banu eegalaniiru. BBC

Facebook Comments