Yaaddoon guddaa walta’uumsi dhabamuudha -WHO

OBN Wax. 16, 2012- Daarektarri Olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr Tedroos Adihaanom G/Iyyasuus yaddoon guddaa ammaa vaayirasiicha qofa miti jedhan.

‘’Yaaddoon guddaa amma nu qunname vaayirasicha qofaa miti, walta’umsiifi hoggansii idil – addunyaa dhabamuudha,’’ jedhan.

‘’Addunyaa qoodameen weerara kana ofirraa faccisuu hin dandeenyu’’ jechuun konfiransii viidiyoodhaan taasifame irratti dubbataniiru.

Kana duras, Barreessaan olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) Antooniyoo Gutereez yaada wal fakkaataa kaasaniiru.

Dr Teedroos maqaa bulchaa Pirezidantii Ameerikaa ifatti dhahuu baatanis, Donaald Tiraamp baatii darbe biyyi isaanii ammaan achi dhaabbaticha akka hin tumsine beeksisanii turani.

Ameerikaan biyya deeggarsa guddaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaaf taasistu turte.

Sababni Tiraamp dhiheessaniis dhaabbaticha Chaayinaatu harkaa qaba jechuun ture.

Dr Teedroos kana ni balaaleeffatu jechuun BBCn gabaaseera.

 

Facebook Comments