Manneen Barnoota Wuhaan

Magaalan Wuhaan manneen barnoota kuma 2 ol banuufi jedhame

Magaalan Wuhaan manneen barnoota kuma 2 ol banuufi jedhame.

Iddoo ka’umsa Vaayirasii Koroonaa akka taate kan himamu Magaalan Wuhaan kibxaata dhufu irraa jalqabee manneen Barnoota kuma 2 fi 842 banuuf akka jirtu beeksifte jirti.

Anga’oonni Magaalatti ibsa baasanin kibxaata dhufu irraa jalqabee manneen barnootaa kuma 2 ol kan barattoonni miiliyoona 1.4 itti baratan kan bantu yoo ta’u barattoonni haguuggii funyaani akka godhatani fi walitti heddummaatani akka hin teenyes hubachiste jirti.

Dabalatanis Yuunvarsitiin Wuhaan Wixata dhufu akka banamuus ibsameera.

Kenninsi barnoota kallattii (on line) miidhaa inni qabu xiqqeessuuf jeecha manneen barnoota fi Yuunvarsiitiwwan banuuf dirqamuu magaalattin beeksifte jirti.

Magaala Wuhaanitti labsin yeroo muddama erga ka’ee booda Caamsaa 18 irraa jalqabee magaalattiti namni haaraa vaayirasii koroonaan qabamee akka hin galma’in Rooyitarsi gabaasera.

Image may contain: one or more people, people sitting and indoor
Facebook Comments