Vaayirasii Koroonaa Ameerikaa

Ameerikaatti lakkoofsi namoota vaayirasii koroonaan qabamanii Miiliyoona 6 gahun himame

Ameerikaatti lakkoofsi namoota vaayirasii koroonaan qabamanii Miiliyoona 6 gahun himame.

Biyyaatitti lakkoofsi namoota vaayirasii koroonaan qabamanii Miiliyoona 6 fi kuma 365 kan gahee yoo ta’u, namoonni kuma 183 fi 653 immoo lubbuu isaani dhabaniiru.

Namoonni Miiliyoona 3 fi kuma 313 fi 861 immoo dandamataniiru jedhameera.

Haluma kanan Ameerikaan baay’ina lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamaninis ta’e namoota du’anin adduunyaarra sadarkaa jalqabarra jirti.

Ameerikaatti aanuun Biraaziil,Indiyaa fi Ruusiyaanis biyyoota lakkoofsa olaanaa namoota vaayirasii koroonaan qabamani galmeessisan ta’uun himameera.

Haluma kanan Biraazilitti namoonni miiliyoona 3 fi kuma 722 ol vaayirasii koroonaan qabamuun namoonni kuma 117 fi 756 vaayirasiichan du’aniiru.

Akkasumas Indiyaatti namoonni miiliyoona 3 fi kuma 310 fi 234 vaayirasii koroonaan kan qabaman yoo ta’u,namoonni kuma 60 fi 329 lubbuu isaani dhabaniiru.

Ruusiyaattis namoonni kuma 970 fi 865 vaayiraii koroonaan qabamuun namoonni kuma 16 fi 683 sababa vaayirasiichan lubbuu isaani dhabaniiru.

Akka gabaasa Warliid O meetiritti ammatti akka Adduunyaatti lakkoofsi namoota vaayirasii koroonaan qabamani miiliyoona 24 fi kuma 339 fi 123 kan gahee yoo ta’u, lakkoofsi namoota dandamatani immoo miiliyoona 16 fi kuma 877 fi 167 gaheera.

No photo description available.
Image may contain: one or more people
Facebook Comments