Badhaasa Komla Dumor bara 2020

Gaazexeessituun Keeniyaa Viiktooriyaa Rubbaadiirin badhaasa ‘BBC world news’ Komla Dumor kan bara 2020 injifatte

Gaazexeessituun Keeniyaa Viiktooriyaa Rubbaadiirin badhaasa ‘BBC world news’ Komla Dumor kan bara 2020 injifatte.

Viiktooriyaa Rubbaadiirin miidiyaa Keeniyaatti beekama ta’e ‘citizens Television’ jedhamu irraatti dhiyeessituu Oduuti.

Miidiyicharratti dhimmoota haala yeroo irraatti namoota bebbekamoo fi qaamoolee siyaasa waliin af-gaffii taasisuun beekamti.

Sirni badhaasa BBC wagga waggaan qopha’uu kun gazeexessa beekkama biyyaa Gaanaa Komla Dumor akka lakkoofsa Awurooppaa Amajjii 5 bara 2014, wagga 41tti lubbuu isaa dhabee yadachuudhafi.

Ogeessoota haaraa Ardii Afriikaa kessaa bahan guddisuuf kaayyoo Addunyaaf beeksisuu jedhuun badhaasa qopha’ee irraatti Gaazeexeessitoonni Afriikaa akka galma’aniif beeksisni bahe akka ture ni yaadatama.

Gaazeexessituun Keeniyaa Viiktooriyaa Rubbaadiiriin badhaasichi erga jalqabamee injifattuu 6ffaa fi injifattu lammii Keeniyaa 2ffaa ta’un milkoofte jirti.

Gaazeexessaan Keeniyaa Waayihigaa Miiwaraan badhaasa bara 2015 qopha’e injifate ture.

Lammiin Yugaandaa Naansii Kachuungira akkasumas lammiileen Naayijeeriyaa Diidii Akinyeeluree fi Amina Yugudaa badhaasicha waldura duban fudhataniiru.

Komlan hojiiwwan hedduu irratti hirmachuun gaazexeessaa milka’na guddaa argateedha kan jettu Viktooriyaan hojii kiyyaa irraattis isaa fakkachuuf yaaliin taasiseen badhaasa kana argachuu danda’eera jette jirti.

Daarektara olaanaan BBC Jeemii Angas gama isaanitin Viktooriyaa gara BBCtti fiduu kenyaaf gammadneerra jedhan.

BBC tu gabaase.

Image may contain: 1 person, closeup
Image may contain: 1 person, eyeglasses
Facebook Comments